Oromiyaatti balaa tiraafikaa ittisuuf qindoominaan hojjechuu kan gaafatu ta’uu ibsame
Finfinnee, Bitootessa 7, 2016 (FBC) – Oromiyaatti balaa tiraafikaa ittisuuf qindoominaan hojjechuu kan gaafatu ta’uu Ejensii Geejjibaa naannoo Oromiyaa beeksiseera.
Naannichatti miidhaan balaan tiraafikaa qaqqabsiisaa jiru ittisuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa,Obbo Daani’eel Charinnat himaniiru.
Balaa tiraafikaa ittisuuf Komishinii Poolisii Oromiyaafi Ejensiin Geejjiba Oromiyaa koree hundeessuun hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Dhaabbileen leenjii konkolaachiftoota fi dhaabbileen sakatta’iinsaas konkolaataa gahumsa hin qabneef eeyyama boolloo kennaa jiraachuu bira gahamuu dubbataniiru.
Namoota yakka kana hojjetan hojiin seeratti dhiyeessuu hojjetamaa akja jiru Obbo Daani’el eeraniiru.
To’atoonni geejjibaas ta’ee poolisonni naamusa ogummichaa kabajuu akka qaban dhaamaniiru.
Rakkoo kenniinsa eeyyama konkolaachisaa, sakatta’iinsa ga’umsaa Konkolaataa fi kenniinsa boolloon jiru furuun dhimma xiyyeeffannoo addaa barbaadu ta’uu himuu OBN gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.