Fana: At a Speed of Life!

Saa’ud Arabiyaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Doolaara Biiliyoona walakkaa deeggaruuf waadaa galte

Finfinnee, Eebila 9, 2012 (FBC) – Miseensota garee biyyoota 20 keessaa tokko kan taate Saa’ud Arabiyaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf kan tajaajilu Doolaara miiliyoona dhibba 5 kan arjoomtu ta’uu beeksifte.
 
Daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adhaanoom deeggarsa biyyattiin weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasifte Fuula Twiitarii isaaniin galateeffataniiru.
 
Oduu walfakkaatuun Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi miidhaa inni diinagdeerraan ga’u hir’isuuf biyyoota Afrikaa fi guddinnarra jiraniif deeggarsi akka taasifamu waamicha dhiyeessira.
 
Daayreektarri olaanaan dhaabbatichaa Kiristaaliinaa Jiiyoorjiivoon miseensonni biyyoota garee 20 biyyoota hiyyeeyyiif turtii kaffaltii Liqii dheerressuu isaanii dinqisiifataniiru.
 
Dhaabbiileen liqii dhuunfas gaaga’ama weerara kanaan ga’u hambisuuf ga’ee isaanii akka ba’an gaafataniiru.
 
Maddi:- reuters
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.