Fana: At a Speed of Life!

Galmeewwan Qonnaa Teeknooloojii deeggaruun murteessaadha-EBWHO

Finfinnee, Bitootessa 6, 2016 (FBC)-Qonna bara 2016/17 milkeessuuf galteewwan qonnaa teeknooloojiin deegaruun murteessaa ta’uu Ejensiin Babal’ina Hojii Gamtaa Oromiyaa ibse.

Hogganaan Ejensichaa Obbo Jamaal Kadiir ibsa miidiyaaleef kennaniin, dhiyeessii galteewwan qonnaa teeknooloojiin deeggaruun harcaatii fi burjaajii mudataa ture furuuf gahee olaanaa qaba jedhan.

Dhiyeessii xaa’oo baranaa karaa dijitaalaawaan raawwatamaa jiraachuu eeranii, baatii tokkoo keessatti xaa’oo kuntaalli kuma 100 gurgurtaa karaa dijitaalaan raawwatamuu ibaniiru.

Xaa’oo qonnaa naannichaaf barbaachisu keessaa hanga ammaatti %50 naannicha qaqqabuu ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni gatii madaalawaa fi burjajii tokko malee karaa dijitaala fayyadamuu akka qaban ibsameera.

Amartii Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.