Fana: At a Speed of Life!

Giddugala Haaromsaa gabbis ogummaa Dubartoota ijaaramuun cabiinsa akka biyyatti jiru kan wal’aanuudha-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 5, 2016 (FBC)- Giddugalli Haaromsaa fi Gabbisa Ogummaa Dubartoota ijaaramuun cabiinsa akka biyyatti jiru kan wal’aanuudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Finfinneetti Giddugala Haaromsaa fi Gabbisa Ogummaa Dubartootaa Birrii biiliyoona 3.1’n ijaaramerratti Dooktar Abiy Ahimad hasaawa taasisaniin, pirojektiwwan guguddoo Magaalaa Finfinneetti ijaaraman hundaa keessaa pirojektiin Giddugalaa Haaromsaa fi Gabbisaa Ogummaa Dubartoota isaa olaanaa ta’uu himan.

Piroojeektichi caabiinsa akka biyyaatti qabnu kan wal’aanuudha jedhan.

Dooktar Abiy, Giddugala Haaromsaa fi Gabbisa Ogummaa Dubartoota ijaaruun waadaa ummataaf galame eeguu qofa osoo hin taanee xumuradhas jedhan.

Dubartoonni rakkoowwan garaagaraan gara daandiitti bahan deebisuun haaromsuu qofa osoo hintaane guddina ijaarsa biyyaa keessattis gahee olaanaa qabaata jedhaniiru.

Piroojektichi cabiinsa akka biyyatti mudatan, jechuunis dubartoota rakkoo garaagaraan ijoolee godhatanii guddisuu dadhabanii daandiirraatti ba’aniif gaddisaa akka ta’ee ibsan.

Kana malees dubartoonni fageessanii yaaduu akka danda’an kan agarsiiseedha jedhaniiru.

Dooktar Abiy dubartoonni gaheen isaan guddina biyyaf qaban olaanaa ta’uus ibsaniiru.

Haaluma kanaan tattaaffii ijarsaa Pirojeektii Giddugala Haaromsaa fi Gabbisa Ogummaa Dubartootaa keesaatti namoota qooda fudhatan hundaa fi Kantiibaa Adanech Abeebee galatteeffataniiru.

Tsahaay Gulummaa fi Tasfaayee Ijjiguutiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.