Inistitiyuutiin Dhimma Alaa fi UNDP’n walta’iinsaan hojjechuuf waliigalaan
Finfinnee, Bitootessa 5, 2016 (FBC)- Inistitiyuutiin Dhimma Alaa fi UNDP’n walta’iinsaan hojjechuuf waliigalan.
Daayrektarri Olaanaa Inistitiyuutichaa Jaafaar Badiruun, Itiyoophiyaatti Bakka Bu’aa Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dooktar Saamu’eel Baayidaa Doowu waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin, dhaabbileen lameen walta’iinsaan hojjechuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Ergama Inistitiyuutii Dhimma Alaa fi dhimmoota xiyyeeffannaan hojjetu ilaalchisa ibsa kan taasisan Obbo Jaafaar Badiruun, inistiitiyuutichi qorannoo fi qo’annoon, kallattiiwwan imaammataa fi ijaarsa dandeettii irratti xiyyeeffannaan akka hojjetu kaasaniiru.
Dooktar Saamu’eel Baayidaa Doowu gama isaaniin, UNDP’n Inistitiyuutii Dhimma Alaa waliin misooma waaraa fi dhimmoota waloo biroorratti walta’iinsaan kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.
Dhaabbileen kunneen dhimmootaa waloo irratti walta’iinsaan hojjechuuf waliigalteerra ga’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.