Gumiin Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa Magaalaa Naqamteetti marii nageenyaa taasiisan
Finfinnee, Bitootessa 4, 2016 (FBC) – Gumiin Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa Magaalaa Naqamteetti mata duree “Abbootii Amantaa Deeggeeruun walitti hidhaminsaa Hawasummaa cimsuudha” jedhuun marii nageenyaa gaggeesseera.
Abbootiin Amantaa Magaalaa Naqamtee fi Godina Wallaggaa Bahaarra walitti babba’an marii kanarratti hirmaataniiru jedhame.
Kaayyoon marichaa walitti hidhaminsaa Hawaasaa cimsuun maree Biyyaalessaa eegalame milkeessuuf ta’uu Barreessituun Gumii Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa Aadde Ayyantuu Tarfasaan ibsaniiru.
Waliin mari’achuun rakkoon hin furmaanne hinjiru jedhan Itti Aanaa Kantiibaan Magaalaa Naqamtee Obbo Tamasgeen Mirreessaan.
Nageenya waaraa mirkaneessuuf mariin barbachisaa ta’uu Itti Gaafatamaan Bulchiinsa fi Nageenya Magaalaa Naqamtee Obbo Abiyoot Kiisiin eeraniiru.
Galaanaa Tasfaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.