Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarqi fi Injiinar Taakkalaan ayyaana Hiikaa sababeeffachuun harka qalleeyyiif kennaa laatan

Finfinnee, Eebila 9, 2012 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdee fi itti aanaa Kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan ayyaana Hiikaa sababeeffachuun harka qalleeyyiif kennaa arjoomaniiru.
 
Preezdaant Saahilawarqi fi Injiinar Taakkalaan kutaa bulchiinsa magaalaa Qiirqoos naannoo Ambaasaddar jedhamutti argamuun maanguddoota humna hin qabnee fi harka qalleeyyiif Hoolaa, Daakuu fi Zayta arjoomaniiru.
 
Dabalataan ogeeyyii yaala fayyaa weerara vaayrsaii koroonaa ittisuu fi to’achuuf dhama’aa jiran 50f meeshaalee ittisichaaf galtee ta’u laataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.