Hojiilee dippilomaasii beekumsaa fi ogummaan raawwachuun barbaachisaadha-Amb. Taayyee
Finfinnee, Bitootessa 3, 2016 (FBC)- Siyaasa quubsumaa Idil Addunyaa jijjiiramoota hedduu keessa darbaa jiru haala giddugaleeffateen hojiilee dippiloomaasii beekumsaa fi ogummaan raawwachuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaaseen hubachiisan.
Walatajjiin marii ogeeyyi fi dhaabbilee waamamoo Ministeera Dhimma Alaa gaggeeffameera.
Waltajjicharratti Ambaasaddar Taayyeen, sadarkaa dhaabbatummaa ministeerichaa, dandeettii ogeeyyii dhaabbatichaa fi kallattiiwwan fuulduree akeekanirratti ibsa bal’aa taasisaniiru.
Dippiloomaatonni faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf siyaasa quubsumaa idil addunyaa yeroo yeroon jijijjiiramu haala giddugaleeffateen ofii fi dameewwan hundaan ga’oomuun tattaafachuun akka barbaachisu akeekaniiru.
Ministir Deetaan Ministeerichaa Ambaasaddar Burtukaan Ayyaanoon gama isaaniin, Ambaasaaddar Taayyeen dhaabaticha keessa hojjechuun muuxannoo olaanaa waan qabaniif, dhaabbaticha sadarkaa caalutti ceesisuuf gumaacha akka qabaatu kaasaniiru.
Ogeeyyiin hunduu humna guutuun hojjechuu akka qabanis ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia