Mootummaan qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf tarkaanfii imaammataa walsimataa fudhatachaa jiraachuun ibsame
Finfinnee, Bitootessa 3, 2016 (FBC)- Mootummaan qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf tarkaanfii imaammata maallaqaa, fiiskaalaa fi oomishtummaa walsimataa fudhachaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny dubbatan.
Dooktar Iyyoob akka jedhanitti karoora bara baajataa 2016 keesatti qaala’iinsa gatii to’achuu fi qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf xiyyeeffannaan kennameera.
Haaluma kanaan tarkaanfii imaammataa walsimataa fudhachaa jiraachuu eeruun Baankiin Biyyaalessaas fooyya’iisa imaammataa maallaqaa taasisuun murteewwan jajjaboo dabarsuu eeran.
Daddabarsa maallaqaa olaanaa ta’ee daangessuu, dandeettii liqeessuu mootummaa daangessuu, dandeettii liqeessuu baankotaa %14 akka hindabarre taasisuu dubbataniiru.
Shaqaxoota nyaataarratti qaala’aiinsa gatii mul’atu furuuf oomishaa fi omishtumaa guddisuu fi sirna daldalaa fooyyessuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Hojiirra oolmaa fooyyessa diinagdee biyya keessaa 2ffaan, guddina oomishaa fi fooyya’iinsa sirna daldalaaf xiyyeeffannaan kennameeras jedhan.
Qaala’iinsa gatii fi qaala’iinsa jireenyaa waarinaan tasgabbeessuuf galii lammiilee guddisuu, gatii omishaarratti hir’isa gatii taasisuun, jijjiiramoonni mul’achaa jiraachuu himaniiru.
Naannoleenis omishtumman akka guddatuu fi daddabarsa oomishaaf walta’iinsaan hojjechuu akka qaban ibsanii, dhaabbileen to’annoo daldalaas, daballii gatii hinmallee bittaa fi gurgurtaa omishaarratti taasifamu to’achuun tasgabbii qaala’iinsaaf gahee isaanii akka bahatan gaafachuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia