Baatiiwwan 7’n darban talaallii beeyladota gabaa alaaf dhiyaatanirraa galiin Doolaara kuma 665 argame
Finfinnee, Bitootessa 2, 2016 (FBC)- Baatiiwwan 7’n darban talaalliiwwan beeyladotaa gabaa biyyoota Afrikaa garaagaraaf dhiyaatanirraa galiin Doolaara kuma 665 argamuu Inistiitiyuutiin Eegumsa Fayyaa Beeyladaa Biyyaalessa beeksise.
Daayrektarri Olaanaa Inistitiyuutichaa Dokatr Taakkalaa Abbaayinee, inistiitiyuutichi yeroo ammaa akaakuuwwan talaallii beeyladootaa 23 oomishaa akka jiru ibsan.
Talaalliiwwan kunneenis fedhii biyyaa keessaaf, kan hafe ammoo biyyoota Lixa fi Giddgaleessaa Afrikaaf dhiyaachaa jiraachuu himaniiru.
Haaluma kanaan baatiiwwan 7’n darbanitti talaalliiwwan doozii miiliyoona 175 dhiyaaterraa galiin Doolaara kuma 665 argamuu ibsaniiru.
Inistiitiyuutichi gabaa talaalliiwwan kanneenii babal’isuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Biyya keessatti naannolee garaagaraa qaqqabsiisuuf hojjetamaa akka jiru ibsuun, abbootiin qabeenyaa dhuunfaa damicharratti akka bobba’aniif waamicha dhiyeessaniiru.
Inistitiyuutichi waggaatti talaallii doozii miiliyoona 350 dhiyeessaa jiraatus hammi oomishichaa fedhii biyya keessa fi fayyadamtoota alaa kan guutuu akka hintaane eeruu TOI gabaaseera.
Rakkoo dhiyeessii isaa furuuf inistiitiyuutichi pirojektiiwwan babal’isaa bocuun hojiirraa oolchuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.