Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan hoggantoota hojii garaagaraa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 2, 2016 (FBC)- Ameerikaatti Ambaasaddarri Itiyoophiyaa Silashii Baqqalaan hoggantoota hojii garaagaraa waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Silasiin Bakka Bu’aa Mana Maree Kaaliifoorniyaa Teedii Liyuun walii kan mari’atan yoo ta’u, dhimmoota garaagaraarratti ibsa bal’aas kennaniiru.

Haala nageenyaa Itiyoophiyaa fi tattaaffiiwwan nageenya mirkaneessuuf taasifamaan, balaa umamaa fi namtolcheen lammiilee miidhamaniif deeggarsa namoomaa taasifamanii fi Itiyoophiyaan AGOWA keessaa dhiibamuurratti ibsa kennaniiru.

Akkasumas Ambaasaddar Silashiin garee jilaa Biiroo Dippaartimantii Dhimmoota Bizinasii fi Diinagdee Ameerikaa waliinis mari’ataniiru.

Haaluma kanaan dhimma gabaa gurraachaa qaala’iinsa jireenyaa Itiyoophiyaatti hammeessaa jiruu fi qormaatilee faayinaansii biroo mudatan irratti mari’ataniiru.

Haaluma walfakkaatuun, Gargaaraa Bakka Bu’aa Daldalaa Konistaansi Hamiltan waliinis mari’ataniiru.

Marii isaaniinis haala Itiyoophiyaa gara AGOWA’tti deebisuun danda’amurratti mari’achuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin iobsaniiru.

Itiyoophyaan AGOWA keessaa dhiibamuun, keessumaa dubartootaa fi dargaggoota galii gadaanaa argatanirratti dhiibbaa hojii fi jireenyaa kan uumu ta’uu, murtichis abbootii qabeenyaa Ameerikaarrattillee dhiibbaan fidu laayyoo akka hintaane akkasuma, naannawaalee walitti bu’iinsaa fi balaawwaniin miidhaman deebisanii dandamachiisuuf gufuu akka ta’e eeraniiru.

Ambaasaddar Silashiin Ameerikaatti Ambaasaaddara Aljeeriyaa ta’uun dhiyeenya kan muudaman Sabira Ba’onkaadam waliinis dhimmoota faayidaa gamlameerratti mari’ataniiru.

Kana malees, Komishinaraa Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaddar Tashoomaa Togaa Waliin, Bakka Bu’aa Ameerikaa fi UNDP Baasiil Maasee waliinis mari’ataniiru.

Marii isaaniinis, waa’ee hidhattoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuu, hojiilee buqqaatota qe’ee isaaniitti deebisuu fi dandamachiisuu, hojiilee Naannoo Tigraayiif galteewwan barbaachisan walitti qabuu ilaalchisee kan mari’atan yoo ta’u, kanaafis deeggarsi maallaqaa gahaan taasifamaa akka hinjirre kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.