Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin Qabeenyaa Raashiyaa Paarkiiwwan Indastirriitti hojiiwwan invastimantiirratti akka boba’aniif hojjetamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 2, 2016 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa Raashiyaa Paarkiiwwan Indaatirii Itiyoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti akka boba’aniif hojjetamaa jiraachuu Koorporeeshiniin Misoomaa Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa beeksise.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Koorporeeshinichaa Akiliiluu Taaddasaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa Ivgeenii Rarakihaanii waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Obbo Akiliiluun akka jedhinitti, Michummaa Raashiyaa fi Itiyoophiyaan haala gituun hariiroo invastimantiirratti hojjechuun akka barbaachisu akeekaniiru.

Haaluma kanaan koorporeeshinichi yeroo kamuu caalaa qophii ta’uu ibsuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Ivgeenii Tarakihaan gama isaaniin, Embaasiin Raashiyaa abbootiin qabeenyaa biyyattii dameewwan qonnaa, awutoomoobiilii fi maanufaakachaariingiirratti bobba’uun Paarkiiwwan Indaastirii keessatti akka hojjetan xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Dhiyeenyattis Naannawaa Daldala Walabaa Dirree Dhawaa fi Paarkii Indaastirii Hawaasaa seenuuf jilli abbootii qabeenyaa gara Itiyoophiyaa kan dhufan ta’uu eeraniiru.

Paarkiiwwan indaastiriitti bu’uuraalee misoomaa dhiyaatan abbootii qabeenyaaf mijataa ta’uu fi waloon hojjechuun bu’aa argamsiisuun akka danda’amu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.