Fana: At a Speed of Life!

Yeroo kamiiyyuu of eeggataa fi qophee ta’anii argamuun ogummaadha – MM FDRI Abiyyi Ahimad

Finfinnee, Eebila 9, 2012 (FBC) – Yeroo kamiiyyuu of eeggataa fi qophaa’aa ta’anii argamuun qaroomina jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
 
Kan beeknuu fi kan amannu hojiirra oolchuu yoo dadhabnu, ‘maaliif?’ jennee gaafachuu qabnaa jedhan.
 
Hattuu keessa beekessa dukkana daheeffatee qabeenya keenya saamuu dhufu qawwee hidhannee hin deebifnu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Fuula Feesbuukii isaaniin.
 
Hattuu keessa beekessa dukkanaan dhufu sirriitti ofirraa ittisuu kan dandeenyu ifa sammuutiin jedhan.
 
Qalbeeffachuun,yaaduu, hubachuu fi hamma hubatan immoo hojiirra oolchuutu furmaata jedhan.
 
Dukkanni hundi ifaan akka injifatamu badiinis qalbiidhaan kan injifatamu ta’uu ibsan.
 
Of eeggannoo fi amalli gaarummaa kan argamu qalbeeffachuun kan jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad,Waan ta’u haa qalbeeffannu; yeroo kenninee deddeebisnee haa yaadnu; haa hubannu; sana booda hammuma hubanne hojiirra haa oolchinu jechuun dubbataniiru.
 
Yeroon kun yeroo seenaa qabeessa miira irraa fagaannee, qalbiidhaan gaggeeffamnee gochaa fi namummaa sadarkaa hubannoo dhala namaa gituun itti imalluudha jedhan.
 
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad yoo gadi adeemne dukkanadha,yoo ol adeemene ifa waan ta’eef gara beekumsaa fi gochaatti deemuun daandii ifaa irra yaa deddeebinu jechuun dhaamaniiru.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.