Itiyoophiyaan Taphoota guutuu Afrikaa 15ffaa qopheessuuf fedhii qabaachuu beeksiiste
Finfinnee, Bitootessa 1, 2016 (FBC) -Itiyoophiyaan Taphoota guutuu Afrikaa 15ffaa bara 2031 qopheessuuf fedhii qabaachuu beeksiiste.
Ijipti taphoota guutuu Afrikaa 14ffaa bara 2027 gaggeeffamu akka qopheessituuf filatamteerti.
Koongoo fi Ijipti akka qopheessan kaadhimamanis Koongoon fedhiin dhiisuu hordofee Ijipti Taphoota guutuu Afrikaa bara 2027 akka qopheessitu filamteerti.
Itiyoophiyaan Taphoota Afrikaa 15ffaa bara 2031 qopheessuuf fedhii qabaachuu walga’ii Koree Teeknikaa fi Ministirootaa har’a gaggeeffamerratti beeksiisuu ibsameera.
Taphoonnii guutuu Afrikaa 13ffaan Gaanaa magaalaa Akraatti gaggeeffamaa jira.
Biyyoonni Afrikaa 54 gosoota Ispoortii 29 tapha kanarratti hirmaachaa kan jiran yoo ta’uu, jilli Itiyoophiyaa gosoota Ispoortii 9 hirmaachaa jira.
Salamoon Baqqalaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.