Xiyyeeffannaa invastimantii hortiikaalchariif kennamerraan akaakuuwwan oomishaalee Qonnaa Daldala Alaa dabaleera
Finfinnee, Bitootessa 1, 2016 (FBC)- Mootummaan damee invastimantii hortiikaalchariif xiyyeeffannaa olaanaa kenneen akaakuuwwan oomishaalee qonnaa daldala alaaf dhiyaatanii dabalaa dhufuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen dubbatan.
Ministeerichi abbootii qabeenyaa damicharratti bobba’anii fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ateera.
Maricharratti Dooktar Girmaa Amanteen haasawaa taasisaniin daldalaa alaatiin ililliin bunatti aanee sharafa alaa Itiyoophiyaaf gama argamsiisuun sadarkaa 2ffaa qabaachuu eeraniiru.
Waggoottan 7 darbanitti Doolaara 272 kan ture, yeroo ammaa Doolaara miiliyoona 658 olitti guddachuun damee abdii qabeessa ta’uu kaasaniiru.
Haaluma kanaan Itiyoophiyaan daldala alaa ililliin Afrikaa iraa 2ffaa, Addunyaarra 5ffaarra jiraachuu himuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Hirmaattonni waltajjichaa rakkoolee fi carraalee damichaa kaasuun, ministeerichaan deebii kennameen dhaabbilee damicharratti bobba’an deeggaruun gufuulee jiran waarinaan furuuf karoora baasuun hojiitti seenamuu ibsaniiru.