Fana: At a Speed of Life!

Tiraaktaroonni qonnaa qonnaan bultootaaf kennaman

Finfinnee, Eebila 9, 2012 (FBC) – Dhaabbaanni keenyaa tiraaktaroota qonnaa qonnaan bultootaaf kennuu isaa himame.
 
Tiraktaroonni kunneen bakka Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obboo Shimallis Abdiisaa argamanitti qonnaan bultootaf kennamaniiru.
 
Dhaabbanni keenyaa tiraaktaroota gurmeessaa ture guyyaa har’aa qonnaan bultootaaf dabarsee laatera.
 
Dhaabbatichi hanga ammaatti Tiraaktaroota 427 alaa galchuun walitti hidhe keessaa 237 qonnaan bultoota biraan ga’eera jedhame.
 
Yeroo itti aanuu maashinoota 190 kennuuf gurmeessaa jiraachuu hojii gaggeessaan dhaabbatichaa obbo Furoo Baqataan himaniiru.
Dhaabbanni Keenyaa bara 2010 kaappitaala Birrii miiliyoona 50’n magaalaa Shashamanneetti kan hundaa’e yoo ya’u, waggaatti Tiraaktaroota dhibba 5 ol ni gurmeessa jedhameera.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.