Ismaarti Sitii ta’uun Magaalaa Adaamaa nageenyaa fi tasgabbii ishee mirkaneessaa jira-Obbo Haayilu Jaldee
Finfinnee, Guraandhala 28, 2016 (FBC)- Magaalaa Adaamaa teeknooloojii Ismaarti sitii hojiirraa oochuun nageenyi fi tasgabbiin akka mirkanaa’u taasiseera jedhan Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obboo Hayluu Jaldeen.
Konfiransiin Nageenyaa sadarkaa Magaalaa Adaamaa gaggeeffamaa jira.
Saganticharratti Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanatti Qideessaan Kilaastera Nageenyaa fi Haqaa Koomishiinar Kaffaaloo Taffarraa akka jedhanitti magaalonnii fi godinaaleen ollaa muuxannoo nageenya qaban waljijjiiruun eegumsa nageenyaa naannoo isaanii cimsachuu akka qaban himaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Haayiluu Jaldeen gama isaaniin icciitiin milkaa’ina nageenyaa magaalaa Adaamatti Teeknooloojii Ismaarti Sitii hojiirraa oolchuun ta’uu kaasan.
Dabalataan dameewwan carraan hojii uumaan babal’isuun tasgabbii magaalichaaf gumaacheera jedhan.
Miseensota qaamolee nageenyaa biyyaaf wareegamanii fi qaamaa miidhaman waldaalee 23’n gurmeessuun carraan hojii uumameeraaf jedhan.
Koonfiraansicharratti Magaalonni Asallaa, Mojoo, Bishooftuu, Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa, Finfinnee fi Magaalaan Shaggar koonfiraansicharratti hirmaataniiru.
Abdallaa Amaan fi Ermiyaas Boggaalaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.