Fana: At a Speed of Life!

Damee ijaarsaa guddataa jiru gama hundaan cimsuun barbaachisaadha-Abbaa Taayitichaa

Finfinnee, Guraandhala 28, 2016 (FBC)- Damee ijaarsaa guddataa jiru gama hundaan cimsuun barbaachisaa ta’uu Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa ibse.

Abbaan Taayitichaa mata duree “Qindoomina qooda fudhattoota indaastirii konistiraakshinii, jijjiirama itti fufiinsa qabuuf” jedhuun qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Injiinar Naatinaa’eel Geetaahuun waltajjicharratti akka ibsanitti, indastiriin ijaarsaa guddachaa jiru bu’aa qabeessaa ta’aa dhufeera.

Damee indaastirichaa caalaatti guddisuu fi bu’aan barbaadamu akka argamsiisuuf gaheen qooda fudhattoota olaanaa ta’uus himan.

Kunis indastirii ijaarsaa cimaa ijaaruuf gumaachaa kan qabu ta’uu hubachiisanii qulqullinaaf dursa kennuun murteessaa ta’uus akeekaniiru.

Waltajjii marichaarratti qorannoowwan damee indaastirii ijaarsaa ilaalchisee dhiyaatanirratti bal’inaan kan mari’atamu ta’uun ibsameera.

Bahaayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.