Fana: At a Speed of Life!

Qonnaa Arfaasaa fi Gannaa bara 2016/17 milkeessuuf Ogeeyyii fi gaggeessitoonni qophii cimsuu qabu-BQO

Finfinnee, Guraandhala 27, 2016 (FBC)- Qonnaa Arfaasaa fi Gannaa bara oomisha 2016/17 milkeessuuf Ogeeyyiifi gaggeessitoonni qophii cimaa taasisuu akka qaban Biiroo Qonna Oromiyaa hubachiise.

Leenjiin leenjistootaa ogeeyyii qonnaaf marsaa 2’n Adaamaatti kennamaa ture xumurameera.

Waltajjicharratti Hogganaan biirichaa Obbo Geetuu Gammachuun kallatii kennaniin, milkaa’ina hojii misooma qonnaarratti argamaa jiruuf gaheen ogeeyyii fi hooggansa damichaa olaanaadha jedhan.

Beekumsa, ogummaa fi teeknooloojiidhaan deeggaramuun oomishtummaa qonnaa guddisuuf qophii cimsuu akka qaban himaniiru.

Dabalataanis, inisheetiivota qabaman milkeessuuf ogeeyyiin qindoomina olaanaan hojjechuu akka qaban Obbo Geetuun dubbataniiru.

Qophii qonna Arfaasaa fi Gannaaf taasifamu cimsuun galmoota hojii qonnaarratti qabaman milkeessuuf fayyadamummaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa milkeessuuf xiiqiin baay’ina, qulqullinaa fi saffisaan hojjechuu akka qabanis akeekaniiru.

Makkaanaayizeeshinii qonnaafis xiyyeeffannoo kennuun qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni qusachuun jijjirama barbaadamu akka fidan tumsuu akka qaban dhaamuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.