Baatiiwwan ja’an darban indaastiriiwwan haaraan kuma 1 fi 536 hojii oomishuu eegaluun ibsame
Finfinnee, Guraandhala 27, 2016 (FBC)- Baatiiwwan ja’an darban biyyattiitti indastiriiwwan haaraan kuma 1 fi 536 hojii oomishuu eegaluu Ministeerri Indaastirii beeksise.
Bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti qorannoon raawwii kurmaanaa 2ffaa bara 2016 gaggeeffamaa jira.
Ministirri Indaastirii Obbo Malaakuu Allibal, qorannichaan dameewwan diinagdee xiyyeeffannaan ilaalaman keessaa indaastirii tokko ta’uu ibsanii, dandeettiin oomishuu indaastiriiwanii laafaa ta’us, sosochii “Itiyoophiyaan haa oomishtuun” bal’inaan gara oomishuutti akka seenaan yaadachiisan.
Haaluma kanaan tarkaanfii sosochii kanaan fudhatameen dandeettiin omishuu indaastiriiwwanii gara %56.4’tti guddachuu ibsan.
Faayinaansii, meeshaalee dheedhii, humna namaa, walitti hidhamiinsa gabaa, elektirikii fi bu’uuraalee misoomaa biroo gama guutuun rakkoolee mudatan furuun, dandeettiin omishuu bara baajatichaa baatiiwwan ja’an darbanittis galii Doolaara biiliyoona 1 argachuuf karoorfamee Doolaara miiliiyona 994 milkeessuun, %93 raawwachuu himan.
Abbootii qabeenyaa alaa invastimantii indaastriirratti akka boba’aniif karooraa qabameen abbootiin qabeenyaa 127 gara hojii invastimantiitti galuu himaniiru.
Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa kuma 1 fi 490 hojii invastimantiirratti boba’uus ibsuu TOI gabaaseera.
Kana malees, baatiiwwan ja’an darbanitti indaastiriiwwan biyya keessaa gara oomishaatti akka galaniif hojiilee hojjetamaniin indaastiriiwwan haaraan kuma 1 fi 536 gara oomishaatti galuu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.