Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti Namoonni Vaayrasii Koroonaan Qabaman 7 Dabalataan Argaman

Finfinnee, Eebila 8, 2012 (FBC)-   Ityoophiyaatti Namoonni Vaayrasii Koroonaan Qabaman 7 Dabalataan Argaman.

Ityoophiyaatti sa’aa 24 darbetti namoota 401  qorannaan laaboraatoorii taasifameef keessaa namoonni 7 vaayrasichaan  qabamuu isaanii Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa beeksisaniiru.

Dooktar Liyaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 92 ga’uus ibsaniiru.

Namoonni vaayrasichi irratti argame  torbanuu lammiilee Ityoophiyaati jedhan.

Inni 1ffaan lammii Ityoophiyaa dargaggeessa umrii 21Ameerikaarra dhufuun bakka tursiisa addaa keessa kan turedha.

Inni lammataa daragaggeessa umrii 32 yoo ta’u seena imala Iswiidinii fi Beljiyeem kan qabu si’a ta’u, bakka tursisa adda keessa kan ture ta’uu ibsaniiru.

Inni saddaffaan maanguddoo dhiira umrii 76 fi 4ffaan dargageessaa umrii 34 seenaa imala Iswiidiin kan qabanii fi bakka tursiisa addaa keessa kan turan ta’uu ibsaniiru.

Akkasumaas,  inni 5ffaan dhiira umrii 39 Jaappaanii dhufuun bakka tursiisa addaa keessa kan ture ta’uu ibsameera.

6ffaan shamara umrii 14 yoo ta’uu seenaa imala biyya laa kan hin qabne; tuttuqaa namoota waliin qabaachuu fi qabaachuu dhabuu qoratamaa kan jirudha jedhan.

Namni 7ffaan dubartii umrii 61 yoo ta’an Ameerikaadha dhufuun bakka tursiisa addaa keessa kan turan ta’uu dooktar liyaan ibsaniiru.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.