Fana: At a Speed of Life!

Inijifannoon Kaarramaarraa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf gatii kan itti kaffalame injifannoo olaanaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 26, 2016 (FBC) – Inijifannoon Kaarramaarraa tokkummaa daangaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf gatiin kan itti kaffalame injifannoo olaanaa ta’uu Miseensonni duraanii Raayyaa Ittisaa himan.
Lammiileen Itiyoophiyaa kabajaa fi birmadummaa biyyaarratti murannoo fi tokkummaa qaban kan itti mirkaneessan keessaa injifannoon Kaarramaarraa isa tokko ta’uu himaniiru.
Har’as gootummaan Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa biyyarra darbee nageenya Afrikaaf waardiyaa ta’aa jiraachuun hunda kan boonsu ta’uu kaasaniiru.
Injifannoon Kaarramaarraa Itiyoophiyaanoonni weerartootaaf kan hin jilbiiffanne ta’uu kan mirkaneesse injifannoo guddaa ta’uu eeraniiru TOI gabaaseera.
Gootonni Itiyoophiyaa bara 1970 waraana Ziyaad Baareerra Kaarramaarratti injifachuun guyyaa injifannoo Itiyoophiyaa itti labsame Guraandhalli 26 Injifannoon Kaarramaarraa har’a waggaa 46ffaa ta’eera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.