Fana: At a Speed of Life!

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa yaada Preezdaanti Ameerikaa Doonald Traamp balaaleffatan

Finfinnee, Eebila 8, 2012 (FBC)- Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa yaada Preezdaanti Ameerikaa Doonald Traamp balaaleffatan.

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Muusaa Faakii Mahaammat yaada Preezdaantiin Ameerikaa Doonald Traamp Ameerikaan Deeggarsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf taasisaa turte ni dhaabdi jedhan balaaleffatan.

Yeroon kun yeroo kamiyyuu caalaa tattamsa’ina vaayrasi koroonaa ittisuuf addunyaan gaggeessummaa dhaabbata Fayyaa Addunyaa irratti hirkattee jirti jedhan.

Dhaabbatichi immoo ergama isaa kana akka bahuuf hunduu gahee keenya ba’achuu qabna jedhaniiru.

Yeroo murteessa akkanaatti yaadni Doonald Traamp kaasaa jiran kun kan baay’ee nama gaddisiisu jedhan.
Maddi- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.