Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Awaash-Dirre Dhawaa -Harar kiiloomeetirri 233 Suphamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 25, 2016 (FBC) – Hojiin Suphaa Daandii Awaash-Dirre Dhawaa -Harar kiiloomeetirri 233 hojjetamaa jiraachuu Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaatti Suphaan Distiriiktii Dirre Dhawaa beeksiseera.

Suphaan kun Birrii miiliyoona 279 hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Daandiiwwan suphamaa jiran kunneen waggoota 20 oliif tajaajila kennaa kan turan ta’uu Itti Gaafatamaan Suphaa Distiriktii Dirre Dhawaa Injiinar Muluuqan Zargaaw Faanaa Biroodkaasting Korporeetiif ibsaniiru.

Sochii diinagdee Itiyoophiyaan biyyoota ollaa waliin taasiftuuf daandiin kun murteessaa ta’uu isaan hojiin suphaa hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Bishaan aspaaltii gubbaa qaxxaamuru, Qarqara Daandiitti qonni gaggeeffamu, manneen jireenyaa fi sararri saffisa ittisuuf hojjetaman daandiin akka miidhamu taasisuu Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaatti Itti Gaafatamaan Nageenya Daandii Injiinar Muraad Muhaammad himaniiru.

Miidhaa Daandiwwanirra qaqqabu dursanii ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.