Fiigicha gulaallii Shaampiyoona mana keessaan eda gaggeeffameen Atileetoonni Itiyoophiyaa marsaa itti aanuuf darban
Finfinnee, Guraandhala 23, 2016 (FBC) –Fiigicha gulaallii Shaampiyoona Addunyaa mana keessaa 19ffaa Gilaasgoositti halkan edaa gaggeeffameen Atileetoonni Itiyoophiyaa koorniyaa lamaaniinuu marsaa itti aanuuf darbaniiru.
Gulaallii meetira kuma 1 fi 500 dubartoota gidduutti dorgomameen Atileet Dirribee Waltajjii daqiiqaa 4, sekondii 7 fi maayikroo sekondii 17,Fireewayinii Hayiluun daqiiqaa 4, sekondii 12 fi maayikroo sekondii 38n ramaddii isaaniirraa 1ffaa ba’uun marsaa itti aanuuf yoo darban, Atileet Birqee Hayyaloom daqiiqaa 4, sekondii 11 fi maayikroo sekondii 54 sadarkaa 2ffaan xumuruun marsaa itti aanuuf dabarteerti.
Fageenya walfakkaatuun fiigicha gulaallii Atileetota dhiirootaa gidduutti gaggeeffameen Atileet Saamu’eel Taffarraa fi Biiniyaam Mahaariin marsaa itti aanuuf darbuu ragaan Federeeshinii Atileetksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.