Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti tatamsa’ina vaayrasii koroonaa yeroo gabaa ayyaana Hiikaa hir’isuuf iddoon gabaa Horii dhaabbii ifoome

Finfinnee, Eebila 7, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti saaxilamummaa vaayrasii koroonaa yeroo gabaa ayyaana Hiikaa hir’isuuf iddooleen dhaaba horii dhaabbii ifoomeera.

Yeroo gabaa ayyaanaa daldaltoonni fi shamattoonni of eegganoo cimaa taasisuu akka qaban Biiroon Daldalaa fi Indaastirii magaalichaa beeksiseera.

Iddooleen kunneenis:-
1. Kutaa magaalaa Aqaaqii Qaalittiitii aanaa 8 mooraa dhaaba horii fi dirree cuuphaatti

2. Kutaa magaalaa Eekkatti aanaa 12 kan ture gara aanaa 1 jijjiirramuu isaa,

3. Kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyootti aanaa 7 iddoo mandiidaa jedhamutti, kutaa magaalaa Gullalee Shogolee mooraa dhaaba horii dhaabbii kan tures gara kanatti jijjiirramuu isaa,

4. Kutaa magaalaa Gullalee aanaa Birciqqoo 13 kan ture Horufa Niikoolaa, fi iddoo horufa Oromiyaa jedhamutti.

5 Kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti Mooraa Horii Qeeraa babal’isuun aanaa 5nitti dabalataan qophaa’uu fi kutuma kanaatti dhaabni Hoolaa fi Re’ee aanaa 2,3,5, 10 fi naannoo Labuu Jamootti qophaa’uu ibsameera.

Daldaltoonni fi shamattoonni haguuggii fuulaa fi harkaa fayyadamuu akka qaban biirichi akeekkachiisera.

Tuttuqaa horii fi meeshaalee garaagaraarraa of qusachuu akka qabanii fi meeshaalee qulqullinaatti fayyadamuun dirqama ta’uu biirichi hubachiiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.