Fana: At a Speed of Life!

Naannichaatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojjiin hanga ammaatti hojjetame gaarii ta’uu himame

Finfinnee, Eebla 7, 2012 (FBC) – Taaks foorsiin weerara dhibee koroonaa ittisuuf akka naannoo Oromiyaatti hundaa’e raawwii hojii hanga ammatti jiru gamaaggamuun kallattii kaa’era.

Walitti qabaan koricha Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan, hojiin yeroo darbe keessatti raawwatame jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

Preezdaant Shimallis ammas hojii cimaan hojjetamuu akka qabu hubachuun caalmaatti raawwachuuf qophaa’uun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Korichi hojiilee waliigalaa dhibee koroonaa ittisuu,diinagdee fi tajaajila tola ooltummaa hanga ammaatti hojjetama qorateera jedhame.

Hojii daldalaarratti to’annoon taasifamaa ture jajjabeessoo ta’uu ibsuun daldaltoonni seeraan ala ummata dararaa turan 157 seeratti akka dhihaatan godhamuu ibsameera.

Sosochii gama diinagdeetiin taasifameen sosochiin geejjibaa daangeffamee ture akka fala argatuuf namoonni dhuunfaa fi abbootiin qabeenyaa keessatti qooda fudhachuun ga’ee isaanii akka ba’an taasisuuf hojii hojjetameen bu’aa gaariin argamuu koreen kun gamaaggameera jedhame.

Harka qalleeyyiin kuma dhibba 1 fi kuma 43 ta’an adda ba’uu fi dargaggoonni kumni 3 fi 47 ol tajaajila tola ooltummaa keessatti qooda fudhachuu isaanii ibsameera.

Labsii yeroo ariifachiisaa hojiirra oolchuu, jijjiirama amalaa dhufe madaaluun hubannoo ummataa gabbisuu, qabeenya jiru qusannaan fayyadamuu haala itti danda’amuu fi oomishaa fi oomishtummaa dabaluu irratti xiyyeeffatamee akka hojjetamuu qabu korichi kallattii kaa’uu isaa Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.