Fana: At a Speed of Life!

Daldala Buna alaarraa galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 61 argame

Finfinnee, Eebila 7, 2012 (FBC) – Daldala Buna alaarraa baatiiwwan 9 darbanitti galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 5 fi miliiyoona 61 argamu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaa beeksise.

Karoora qabamerraa % 83 raawwatamuu himameera.

Galiin argame kun kan bara darbee yeroo wal fakkatuun yoo madaallame Doolaara miiliyoona 29.9 caalmaa qaba jedhameera.

Jarmaan, Saa’ud Arabiyaa fi Ameerikaan biyyoota oomishaa bunaa caalmaatti Ityoophiyaarra bitaniidha jedhame.

Qajeelfamni bulchiinsa kontiraataa daldalaa alaa dhiyeenya kana hojiirra oole bu’aa argameef shoora guddaa taphachuu isaa itti aanaan daayreektar olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shayii Ityoophiyaa obbo Shafii Umar dubbataniiru.

Weerarri vaayrasii koroonaas daldala bunaarratti dhiibbaa akka hin qaqqabsiifneef hojjetama jiraachuu obbo Shafiin himuu isaanii Ragaan Abbaa Taaytichaarraa argame ni muul’sa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.