Obbo Dammaqaa Mokonnin pireezidaantii Yaa’ii Waliigalaa Giddugala Barnootaa, Hambaa fi Seenaa Ummatoota Gurraachaa ta’uun filaman
Finfinnee, Guraandhala 16, 2016 (FBC)-Ministira Muummee Ittaanaa fi Ministirri Dhimma Alaa duraanii Obbo Dammaqaa Mokonniin Pireezidaantii, Roobii Waakarniin Pireezidaantii Ittaanaa Yaa’ii Waliigalaa Giddugala Barnootaa, Hambaa fi Seenaa Ummatoota Gurraachaa ta’uun filamaniiru.
Obbo Tsaggaayee Caaman ammoo Hoji Raawwachiisaa Olaanaa giddugalichaa taasisuun filateera.
Giddugalichi dambii ittiin bulmaataa dhaabbatichaa kan ifoomse yoo ta’u, ajandaalee garaagaraarratti xiyyeeffachuun yaa’ii isaa gaggeesseera.
Haaluma kanaan Hundeessaa Waldaa Sosochii Gurraachota Idil Addunyaa jedhamuun kan beekaman Ilma Maarkas Gaarvee Dooktar Juuliyas Gaarvee ammoo eegaa olaanaa giddugalichaa taasisuun filateera.
Giddugalichi hojiilee seenaa, hambaalee fi barnootaa ummatoota gurraacha bu’uureffatan kan gaggeessu yoo ta’u, giddugala qorannoo hundeessuu fi sirna barnootaa fooyya’aa uumuun dargaggoota ofitti amanamummaa qaban horachuuf kan hojjetu ta’uun ibsameera.
Yismaawu Adaraaawutu gabaase.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.