Fana: At a Speed of Life!

Traamp Ameerikaan deeggarsa maallaqaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf taasiftu akka dhaabdu ajaja dabarsan

Finfinnee, Eebila 7, 2012 (FBC) – Traamp Ameerikaan deeggarsa maallaqaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf taasiftu akka dhaabdu ajaja dabarsan.

Preezdaant Traamp dhaabbanni Fayyaa addunyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf itti gaafatamummaa ba’aa hin jiru jechuun qeeqaniiru.

Doonaald Traamp dhaabbatichi vaayrasicha waliin wal qabatee bulchiinsa dogoggoraa hordofeera jedhan.

Vaayrasiin koroonaa Chaayinaatti erga muul’ate booda dhaabatichi vaayrasichi akka tatamsa’uuf karaa baneera jedhuun himataniiru.

Kanaafiis dhaabatichi itti gaafatamuu qaba jedhan Preezdaant Traamp.

Yaa ta’uutii Preezdaant Traamp tatamsa’iina vaayrasichaa ittisuuf tarsiimoon isaan qabataan lammiilee biyyaa isaanii fi qaamoolee siyyaasaan komatamaa jiru.

Daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adhaanoom, gama isaaniin vaayrasii koroonaa dhimma siyyaasaa taasisuun fudhatama hin qabu jedhaniiru.

Barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez, deeggarsi mallaaqaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf taasifamuu dhaabuun yeroon isaa ammaa miti jedhan.

Ameerikaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa biyya deeggartu jalqabaa taatuus, bara Faranjooota darbe bajaata dhaabbaticha %15 ykn Doolaara Ameerikaa miiliyoona 400 uwwifteerti jedhame.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.