Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa Walga’ii Idilee 27ffaa gaggeesseen murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Guraandhala 16, 2016 (FBC)- Manni Maree Ministirootaa Walga’ii idilee 27ffaa gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoowwan garaagaraa dabarseera.

Manni Marichaa wixinee dambii misooma eegumsaa fi itti fayyadama bosonaarratti mari’ateera.

Haalumaa kanan barbaachisummaa dambichaarratti mari’achuun Gaazexaa Nagaaritirratti maxxanfamuun hojiirra akka ooluu murteesseera.

Kana malees waliigaltee deeggarsa faayinansii sadii Waldaa Misoomaa Idil Addunyaa waliin mallatteeffamerratti mari’ateera.

Waliigaltichis Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataan akka ragga’uuf qajeelcheera.

Waliigaltee deeggarsa faayinaansii lama Mootummaa Xaaliyaanii waliin mallatteefamerratti mari’achuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti qajeelcheera.

Inistitiyuutii Eegumsa Fayyaa Beeyladaa Biyyaalessaa Dhaabbata Misoomaan Hundeessuuf wixinee fooyyessaa dambii dhiyaaterratti mari’achuun, dambichi Gaazexaa Nagaaritirratti maxxanfamuun hojiirra akka ooluu murtoo dabarseera.

Dabalataan, wixinee dambii kaffaltii tajaajilaa Inistiyuutiin Sadarkaalee Itiyoophiyaa fi Dhaabbanni Tajaajila Galmeessaa fi Mirkaneessa Sanadaa kaffalchiisan murteesuuf ba’erratti mari’ateera.

Haaluma kanaan dambichi Gaazexaa Nagaaritirratti maxxaanfamuun hojiirra akka oolu murtoo dabarseera.

Wixinee imaamataa Hoggansa Soda Balaarratti kan mari’ate manni marichaa imaammatichi akka hojiirra ooluu sagalee guutuun murteeseera.

Manni marichaa waliigaltee fooyyessa hundeeffama Abbaa Taayitaa Misoomaa Mootummootaa raggaasisuuf wixinee labsii dhiyaaterratti mari’achuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti qajeelcheera.

Wixinee Labsii Sanada Waliigatee Damee Bobbii Hojii Itiyoophiyaa fi Mootummaa Joordaan waliin mallatteeffame raggaasisuuf dhiyaaterratti mari’achuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti qajeelcheera.

Manni marichaa wixinee waliigalteewwanii afur, misooma albuudaalee Warqee timaa (Dalalii), Dhagaa cilee, Giraanaayitii fi Biroominiirratatti mari’ateera. Haaluma kanaan waliigaltichi akka mallatteeffamuu fi hojiitti akka galuuf sagalee guutuun murtoo kenneera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.