Fana: At a Speed of Life!

Manneen Murtii hojiirra oolmaa labsii yeroo ariifachiisaa mirkaneessuuf qophii ta’uu ibsame

Finfinnee, Eebila 6, 2012 (FBC) – Manneen Murtii hojiirra oolmaa labsii yeroo ariifachiisaa mirkaneessuuf qophii ta’uu isaanii ibsame.
 
Mootummaan weerara dhibee koroonaa ittisuu, to’achuu fi miidhaa ga’u hir’isuuf labsii yeroo ariifachiisaa baasuun gara hojiitti galeera.
 
Labsicha hojiirra oolchuuf danbiin boqonnaa gurguddoo afur of keessaa qabu taa’era.
 
Sababa kanaan Manneen Murtii olaanoo Federaalaa fi sadarkaa jalqabaa hojii idilee isaanii dhaabuun hojiirra oolmaa labsii yeroo aariifachiisaa mirkaneessuuf akka hojjetan murtaa’era.
 
Dhaabbilee fi qaamoolee dhuunfaa qajeelfama labsii kanaa darbanii argamanirratti manneen murtii adabbii seeraa ariitiin itti laachuuf ni hojjetu jedhame.
 
Labsiin yeroo ariifachiisaa nageenya lammiilee eeguuf ba’e hojiirra akka ooluuf lammiileen hundi qooda isaanii ba’uu akka qaban Preezdaantiin Mana Murtii olaanoo Federaalaa obbo Birihaanuu Masqal Faanaa Broodkaastiing Korpooreetif himaniiru.
 
Qaamoolee dambii labsii yeroo ariifachiisaa darbanii argaman akkaatuma qajeelfama adabbiitiin murtee ariifachiisaa itti laachuuf manneen murtii qohii ta’uu ibsaniiru.
 
Preezdaantiin mana murtii sadarkaa jalqabaa feederaalaa obbo Fu’aad Kiiyaar Ahimad gama isaaniin, hojiirra oolmaa labsii yeroo ariifachiisaa mirkaneessuuf manneen murtii qophii ta’uu ibsaniiru.
 
Taarikuu Addunyaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.