Fana: At a Speed of Life!

Gumiin Bokkoo Qorbisa taa’e

Finfinnee, Guraandhala 12, 2016 (FBC)-Walharkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Gujii 75ffaaf Gumiin Bokkoo lallaba guyyoota shanaan dabran lallabaa ture hayyootaa Gadaan Ummataaf ibseera.
 
Gumiin Bokkoo Ardaa Jilaa Me’ee Bokkootti guyyoota shaniin darban lallaba isaa xumuruun gumiin buufataa gaggeeffamuun kan yaadatamuudha.
 
Gumiin lallabaa isaan, Lallaba Nageenyaa fi Araaraa, Lallaba Aadaa, Lallaba Yuubaa fi Hayyuu, Lallaba Soddaa(Soddaan Woyyu), Lallaba Fuudhaa fi Heerumaa, Lallaba Lafaa (lafti woyyu), Lallaba Lagaa, Malkaa fi Karaa, Lallaba Mukaa (Mukni Mana bineensaati santi seera), Lallaba Uffataa fi qaama namaa, Lallaba Buusaa fi Wodoo, Lallaba Dhukkubaa (dhukuba dhufe yuubatti himanii aada), Lallaba Balaa(danuu nyaachuun aadi male), Lallaba Oromoo lallabuun kan yaadatamuudha.
 
Guyyaa har’as Gumiin Qorbiisa yoo taa’u, boru ammo Sirni Walharkaa fuudhinsa Baallii karaa Jeebanticha isaa eeggateen Gadaan Harmuufaa Gadaa Roobaleetiif Baallii kan dabarsu ta’uu ragaan Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.