Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Girmaa Amanteen Daayrektara Garee ‘ARC’ waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 12, 2016 (FBC)-Ministirri Ministeeraa Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen Gargaaraa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomanii Fi Daayrektara Garee Dandeettii Ittisa Sodaa Afrikaa (ARC) Ibraahiim Diyoongi waliin mari’ataniru.
 
Mari isaaniin, Ministeerri Qonnaa dhaabbiee biroo waliin ta’uun Itiyoophiyaan miseensa Garee Dandeetti Ittisa Soda akka taatuuf gumaacha olaanaa taasisuu kaasaniiru.
 
Itiyoophiyaan jijjiitama qabeenyaa qilleensaa ittisuu, qonna ammayyeessuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
 
Sagantaalee Qonnaa Itiyoophiyaan qabaman milkeessuu fi damichaa ceesisuufis walta’iinsaa isaanii kan cimsan ta’uu dubbataniiru.
 
Dabalataan Itiyoophiyaan sirna qonnaa hinraafamne ijaaruuf garicha waliin walta’iinsaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.
 
Ibiraahiim Diyoongi gama isaanin, Itiyoophiyaan miseensa garichaa akkuma taate Ministeeraa Qonnaa fi mootummaa waliin ta’uun dandeetti qonnaa jiru dagaagsuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
 
Itiyoophiyaa sirna nyaataa fi sirna qonna hinraafamne gama ijaaruun muuxannoo kan qabdu ta’uu ibsanii, Gareen Dandeettii Ittisa Soda Afrikaas Itiyoophiyaan qajeeltoo rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa jedhuun muuxannoo qabdu biyyoota Afrkaa biroof akka qooddu gaafachuu ragaan Ministeeraa Qonnaarraa argame ni mul’isa.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.