Fana: At a Speed of Life!

Caffeen muudama garaagaraa raggaasise

Finfinnee, Guraandhala 11, 2016 (FBC)- Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Idilee 6ffaa Waggaa 3ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa guyyaa lammaffaasaa har’a taa’een, hooggantoota Manneen Hojii Caffeetti Itti waamamaa Mootummaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan muudamaaf dhihaatan, raggaaseera.
 
Bu’uuruma kanaan:
 
Doktar Abdulaaziis Daawud-Ittigaafatamaa Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo
 
Dooktar Abdii Yuuyyaa-Komishinara Komishinara Karooraa fi Misoomaa Oromiyaa,
 
Aadde Masarat Asaffaa-Hoggantuu Biiroo Daldalaa Oromiyaa
 
Aadde Mabiraat Baacaa-Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa,
 
Aadde Jaamilaa Simbiruu-Hoggantuu Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa
 
Obbo Maatiyoos Sabbooqaa- Hogganaa Biiroo Dhimma Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa,
 
Injinar Eebbaa Garbaa-Hoogganaa Biiroo Carraa Hojiifi Oogummaa Oromiyaa
 
Obbo Jamaal Kadiir-Hogganaa Eejansii Babal’ina Waldaalee Oromiyaa taasisuun muudama dhihaate sagalee caalmaan raggaaseera.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.