Fana: At a Speed of Life!

Dhimma waloo gabbifachaa waan addaan nu fageessurraa of eeguun barbaachisaadha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 10, 2016 (FBC) – Jiruufi jireenya ummata fooyyessuuf ummanni naannoo Oromiyaa dhimmoota murteessoo ta’anirratti kutannoo qaban akka cimsan Pireezidaantiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Dhimma waloo gabbifachaa waan addaan nu fageessurraa of eeguun barbaachisaa ta’uu Obbo Shimallis gaaffii miseensota Caffeerraa ka’aniif waayita deebii kennen ibsaniiru.

Jijjiiramni qabsoo ummataan dhufe fedhii ummataa akka galmaan ga’uuf tumsuun murteessaa ta’uu Pireezidaanti Shimallis eeraniiru.

Naannicha misoomsuun biyya fuulduratti tarkaanfachiisuuf dhaloota barnootaa fi teeknolojiin ga’oomsuun dhimma xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu kaasaniiru.

Hiree yeroo ammaa Oromoon argate tikfachuun dhimma ijoo ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Qaamolee mootummaa keessa taa’anii diinaaf meeshaa ta’uun tajaajilan adda baasuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Tibbeessoo Dheekkamoo fi Milkeessaa Sabbooqati gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.