Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Keessummoota ishee Hunda qixa ilaalti – Ambaasaaddar Dooktarr Mallas Alam

Finfinnee, Guraandhala 10, 2016 (FBC) – Yaa’iin Dureewwanii Gamtaa Afrikaa akkaatuma sagantaa qabameen gaggeeffamaa jiraachuu Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Dooktar Mallas Alam ibsaniiru.

Keessummoota simachuurraa kaasee hanga nageenya isaanii eeguutti itti gaafatamummaa guutuun hojjetamaa jiraachuus Ambaasaaddar Dooktar Mallas ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.

Himannaan sobaafi hololli jila pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheeh Mohammadiin ka’e dhugaa lafa jiruun kan wal hin fakkaanne tahuu himaniiru.

Nageenya keesummootaa eeguun dirqama biyya keessummaa simatuuti kan jedhan Ambaasaaddarichi hojimaatni idil addunyaa kan mullisu kanumaa jedhaniiru.

Hololli Jilli Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheeh Mohammadiin afarfamaa jiru michummaa biyyoota lameenii kan hin gitneefi maqaa dhugaa itiyoophiyaan ittiin beekamtuun kan wal faallessu tahuu himaniiru.

Walitti dhufeenyi biyyoota lameenii dippiloomaasiirra kan darbe dhiigaan kan dabaalamee kabaja waliif qabnuun cimee itti fufa jedhaniiru.

Itiyoophiyaanis keessummoota simatte nageenya isaanii eegsisuun keessummummaa ittiin beekamtuun cimsitee itti fufti jedhan.

Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.