Lammiilee miiliyoona 1.89 ta’aniif carraan hojiin uumame – Pir. Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Guraandhala 10, 2016 (FBC) – Hojii dhabdummaa magaalaafi baadiyyaatti bal’inaan mul’atu hir’isuuf lammiilee miiliyoona 1.89 ta’aniif carraan hojii dhaabbii fi yeroo uumame Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Baatiiwwan jahan darbanitti lafti hektaarri miliiyoonni 2.78 Qamadii Jallisii Boneen misoomuun kunuunsi barbaachisaan taasifamaa jiraachuun himaniiru.
Carraa barnootaa babal’isuun cinaatti qulqullina barnootaa irratti xiyyeeffananan hojjetamaa jiraachuus Obbo Shimallis eeraniiru.
Baatiwwan jahan darban keessa Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu kuma 3 fi 686 ijaaruun waliigalaan manneen barnootaa bu’uura boruu kuma 14 fi 698 qaqqabuu himaniiru.
Barnoota ‘Oromiyaa keessatti barattoonni miiliyoona 5 ol ta’an sagantaan nyaata manneen barnootaan fayyadamoo ta’uu himame.
Naannoo Oromiyaatti hirmaannaa uummataa, baajata mootummaa fi dhaabbilee deeggartootaan barattoota miiliyoona 5.34 ol nyaachisuun danda’amuu dubbataniiru
Baatiiwwan jahaan darban keessatti Hanqina kitaabilee barnootaa furuuf kitaabni sadarkaa 1ffaa miiliyoonni14.3 (fii kan sadarkaa 2ffaa miiliyoonni.5.05 mootummaa fi hirmaannaa dhimmamtootaan maxxanfamee raabsamuu Pireezidaanti Shimallis gabaasa dhiyeesaniin caqasaniiru.
Maddi:- OBN fi Caffee Oromiyaa