Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli geejjiba addaan citee ture akka eegalu murtaa’e

Finfinnee, Eebila 6,2012(FBC) –Naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti tajaajilli geejjiba magaalaa addaan citee ture akka eegalu murtaa’e.
 
Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa magaaloota afur keessatti tatamsa’ina weerara vaayrasii koroonaa to’achuuf daangeffamni tajaajila geejjiba irratti taasifamee ture ka’uu isaa ibsame.
 
Magaaloota Oromiyaa keessatti murtoon tajaajila Taaksii, Baajaajii, Doqdoqqee fi geejjiba walfakkaataa guutumaa guutuutti akka dhaabbatu murtaa’ee ture ka’uu isaa Sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti hogganaan Kilaastera Hawaasummaa naannoo Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa beeksisaniiru.
 
Tajaajjilli geejjiba magaalaa keessaa akkaataa dambii labsii yeroo ariifachiisaa fi qajeelfama Abbaan Taayitaa Geejjiba Oromiyaa baaseen kenniinsa tajaajila akka raawwatu murtaa’eera jedhan Obbo Addisuun.
 
Naannoo Amaaraattis magaaloota afur keessatti daangeffamni tajaajila geejjiba magaalaa irratti taasifame akka fooyya’u taasifamuu isaa Koomaand Poostiin ittisa vaayrasii koroonaa naannichaa beeksiseera.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.