Misooma waaraa mirkaneessuuf barnoonni gahee olaanaa akka qabu Dooktar Abiy dubbatan
Finfinnee, Guraandhala 9, 2016 (FBC)- Misooma waaraa mirkaneessuuf barnoonni gahee olaanaa akka qabu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dubbatan.
Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 37ffaan gaggeeffamuu eegaleera.
Sirna baniinsaa yaa’iichaarratti haasawaa kan taasisan Dooktar Abiy Ahimad, waggoottan shanan darban Itiyoophiyaan damee barnootaan bu’aa olaanaa galmeessuu kaasaniiru.
Manneen barnootaa idileen duraa fi manneen barnootaa sadarkaa jalqabaa kuma 30 ol ijaaramuu akka fakkeenyaatti eeraniiru.
Kana malees baajata olaanaa ramaduun manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa ijaaruu ibsanii, waliingahiinsaa fi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Haaluma kanaan dhaabbileen faayinaansii idil addunyaa dhimmichi ilaallatuu fi qaamoleen tumsitootaa xiyyeeffanaa kennuu qabu jedhan.
Nageenyii fi tasgabbiin guddina diinagdee fi hawaasummaaf bu’uura ta’uu kan kaasan Dooktar Abiy Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa naannawaa fi walta’iinsi idil addunyaa misooma waaraaf bu’uura ta’uutti kan amantu ta’uu dubbataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.