Fana: At a Speed of Life!

Qormaata waloo keenyaa dura waliin dhaabbachuu qabna-Luulaa Daa Silvaa

Finfinnee, Guraandhala 9, 2016 (FBC)- Qormaata waloo keenyaa dura waliin dhaabbachuu qabna jechuun Pireezidaantiin Biraaziil Luulaa Daa Silvaan dubbatan.
Pireezidaantiin Biraaziil Luulaa Daa Silvaan Michummaan Afrikaafi Biraaziil kan dhiigaan walitti hidhameedhas jedha.
Lammiileen Biraazil harki caalaan hidda Afrikaa kan qaban ta’uu himuun, kunimmoo michummaa Biraazilii fi Afrikaa adda taasisa jedhaniiru.
Sirna siyaasaa addunyaa jijijjiiramaa ta’e keessatti waliin dhaabbachuun barbaachisaa tahuu kan himan Luulaa Daa Silvaan sirna siyaasaa hunda hirmaachisaa uummachuu akkasumas qormaata waloo keenya waliin akka dhaabbannu nu taasisaas jedhan.
Luulaa Daa Siilvaan dabalataan rakkoon barnootaa rakkoo addunyaaleessaa ta’uu kaasuun, Biraazil rakkoo kana hundeerraa furuuf imammata barnootaa bocuu fi sirna barnootaa fooyyeessuuf Afrikaa waliin kan hojjettu tahuu mirkaneessaniiru.
Dabalataan damee saayinsii fi teeknooloojii, ittisa dhibeewwanii fi dameewwan birootiinis Afrikaa waliin kan hojjetan tahu hubachiisaniiru.
Kunuunsa qabeenyaa fi eegumsa naannoo dabalatee damee qonnaatiinis hojiilee hedduun kan hojjetaman tahuu akeekaniiru.
Yidneqaachoo H/maariyamtu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.