Fana: At a Speed of Life!

Weerara COVID -19 ittusuuf hojiin hojjetamaa jiru haala gaarirra jira – MM FDRI Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebila 6 2012 (FBC) –Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad koree Ministirootaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hundaa’e waliin mari’atan.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad marii koree kana waliin taasisaniin, ‘weerara dhibee COVID -19 ittisuuf hojiin hojjetamaa jiru gaarii ta’uu hubadheera’ jedhan.
 
Rakkoon cimaan yoo muuddate dandamachuun akka danda’muuf jecha magaalaa Finfinneetti qofa baakkoonni midhaanii kumni 1 fi 200 qophaa’uu isaanii ibsaniiru.
 
Naannooleenis laaboraatoorii qorannoo guyyaan taasisuu danda’u qopheessaa jiraachuu isaanii fi iddoo tursiisa addaa, hordoffii addaa fi yaalaaf kan tajaajilan giddugaloonni dabalataa qophaa’aa akka jiran Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad himaniiru.
 
Ityoophiyaatti Vaantileetaroota hargansuu oomishuuf haalli mijataa jiraachuu Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Lammiilee itti fufiinsan deeggarsa taasisaa jiranis galateefatniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.