Fana: At a Speed of Life!

Pirofeessar Birhaanuu Naggaan Gargaartuu Daayrektara Jeneraalaa Damee Barnootaa UNESCO waliin mari’tan

Finfinnee, Guraandhala 8, 2016 (FBC)-Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan Gargaartuu Daayrektara Jeneraala Damee Barnootaa UNESCO Isteefiniyaa Jaaniinii waliin mari’atan.
Marii isaaniis damee barnootaa teeknoolojii dijitaalawaan deeggaruu fi ammayyeessuuf haalota dandeessisanirratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.
Pirofeesar Birhaanuun sirna barnootaa teknooloojii dijitaalan deeggaruu fi ammayyeessuuf tattaaffiiwwan taasifamaa jiranirratti ibsa kennaniiru.
UNESCO’n galteewan gama guutuun deeggarsa akka taasisu gaafachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Isteefeniyaa Jaaniinii gama isaaniin UNESCO’n damee barnootaa biyyattii guddisuun quqlulina barnootaa mirkaneessuuftattaffii taasiftuuf deeggarsa taasisaa jiraachuu eeruun, fuuldurattis deeggarsichi cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.