Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Lafti kaaree meetirri miiliyoonni 1 fi kumni 300 ol baankii lafaatti deebifame

Finfinnee, Guraandhala 8, 2016 (FBC)- Yakka malaammaltummaan walqabate Naannoo Oromiyaatti lafti kaaree meetirri miiliyoonni 1 fi kumni 300 ol baankii lafaatti deebifamuu Koreen Farra Malaanmmaltummaa Oromiyaa beeksise.
 
Korichi hojiilee hanga ammatti hojjetaman ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera.
 
Komishinarri Koomishinii Namuusaa fi Farra Malaammaltumma Oromiyaa Obbo Abdallaa Ogaatee, mootummaan malaammaltummaa ittisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Haaluma kanaan, lafti mana jireenyaa fi invastimantiif seeraan alaa fudhatamee ture kaaree meetirri miiliyoonnii 1 fi kuma 316 fi 900 baankii lafaattti deebi’uu himan.
 
Komishinarri Itti Aanaa Komishinii Poolisii Oromiyaa fi Hoogganaan Qajeelcha Muummee Qorannoo Yakkaa Zarihuun Dhugumaan eeruuwwan kuma 2ol hawaasa irraa kennamuun qorannoon taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Kana malees, manni, lafti fi konkolaataan dhorkamuu, yakkonni ragaa sobaa barnootaa, saamichaafi kanneen biroon magaalotatti raawwataman seeratti dhiyaachuu himaniiru.
 
Hoogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo gama isaaniitiin, yakka malaammaltummaa ittisuun qabeenya mootummaa fi uummataa hanna irraa hambisuuf hojiilee korichi qindoominaan hojjeteen galmeewwan kuma 1 fi 198 dhiyaachuun galmeewwan 578 irratti himanni dhiyaatee galmee 331 irratti murtiin kennamuu dubbataniiru.
 
Lafti mana jireenyaa fi investimantii magaalaa kaareen miiliyoona 1 kuma 316 fi 900 ol, Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 239 fi kuma 698 olitti tilmaamamu baankii lafaatti deebi’uus himaniiru.
 
Qabso farraa Malaammaltumma gaggeeffamaa jiruun hawaasni itti fufinsaan eeruu kennuu akka qabus yaadachiisuu ragaan Koominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.