Fana: At a Speed of Life!

Gumiin Bokkoo Seera aadaa lallabe

Finfinnee, Guraandhala 8, 2016 (FBC)- Gumiin Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo sirna walharkaa fuudhiinsa Baallii Gujii marsaa 75ffaa gumii guyyaa 2ffaan seeraa aadaa lallaabe.
 
Gadaa Harmuufaarraa gara Gadaa Roobaleetti Baallii dabarsuuf wayitaa guyyoonni muraasni hafanitti jiillii gadaa ardaa jilaa Me’ee Bokkootti qachaa yaa’aa qubatee ture, Gumii har’a taa’een sirna seera aadaa lallaabera.
 
Labsiin aadaa, seera gadaa hanga guyyaa baallii walharkaa fuudhiinsi raawwatutti kan itti fufu yoo ta’u, labsii guyyaa kanaan labsiiwwaan seeraa Gadaa, Seera intalaa fi ilma (fudhaafi heeruma) ni lallaaba.
 
Gumiin kun guyyoota shanaan itti aananiif kan itti fufuu ta’uunis ibsaneera.
 
Sirna walharkaa fuudhiinsa baallii Gadaa Gujii kanaan Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo waggaa saddeettan bara aangoo isaanii xumuranii Baallii Gadaa Roobaleetti kennuuf qophii taasisaa jiru.
 
Hawwii Fiqaaduutu gabaase.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.