Fana: At a Speed of Life!

Mariin ummata waliin gaggeeffamu rakkoolee biyyaalessaa furuuf qooda olaanaa qabu – Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Guraandhala 7, 2016 (FBC) – Mariin ummata waliin gaggeeffamu rakkoolee naannolee fi biyyaalessaa furuuf qooda olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen ibsan.

Mariin ummataa mata duree ‘obbolummaa sabdaneessaa nageenya waaraa fi badhaadhina hunda galeessaaf’ jedhuun naannoo Afaar magaalaa Samaraatti gaggeeffameera.

Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannolee maricharratti argamaniiru.

Gaaffiilee dhimma misoomaa, nageenyaa, qaala’iinsa jireenyaa fi rakkoo bulchiinsa gaarii maricharratti bal’inaan ka’uu ibsameera.

Mariin ummata waliin gaggeeffamu rakkoolee naannolee fi biyyaalessaa furuuf qooda olaanaa qabaachuu Dooktar Alamuun himaniiru.

Mootummaan gaaffii ummataa deebisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Taarikuu Waldasanbatiitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.