Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii kuma 15 caale

Finfinnee, Eebila 6, 2012 (FBC) – Afrikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii kuma 15 caaluu isaa ibsame.
 
Hanga guyyaa kanaatti namoota akka addunyaatti dhibee COVID-19 qabaman miiliyoona 1 fi kuma dhibba 9 fi kuma 26 ol keessaa namoonni kumni 15 fi 346 Afrikaa keessatti argamu.
 
Sadarkaa addunyaatti namoota dhibichaan du’an kuma dhibba 1 fi kuma 19 keessaa namoonni 830 lammiilee ardii Afrikaati jedhame.
 
Afrikaatti namoonni kumni 2 fi 940 dhibichaarraa yoo bayyanatan, addunyaarratti ammoo namoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 50 ol dandamataniiru.
 
Afrikaa Kibbaatti namoota kuma 2 fi 272 vaayrasichaan qabaman keessaa namoota 27tu lubbuun darbe.
 
Akka ragaaleen agarsiisanitti Gibtsitti namoota kuma 2 fi 190 dhibichaan qabaman keessaa namoonni 164 du’aniiru.
 
Aljeeriyaatti ammoo namoota kuma 1 fi 983 vaayrasichaan qabaman keessaa lubbuun namoota 313 darbeera jedhame.
 
Biyyoota Baha Afrikaa keessaa Keeniyaatti namoota 208 dhibichaan qabaman keessaa namoonni 9 du’uu isaaniitu ibsame.
 
Jiibuutiitti namoonni 298, Eeritriyaatti namoonni 34, Soomaaliyaatti namoonni 60, Sudaanitti namoonni 29 fi Sudaan Kibbaatti namoonni 4 vaayrasii koroonaan qabamuu isaanii ragaaleen ni agarsiisu.
 
Ityoophiyaatti hanga guyyaa kaleessatti namoota 74 dhibichaan qabaman keessa 3 yoo du’an, 14 ammoo fayyaniiru.
 
Namoota fayyan keessa namoonni 3 jiraattoota magaalaa Adaamaa ta’uu mirkanaa’era.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.