Fana: At a Speed of Life!

Raawwii pirojektootaa naannawaa Inisheetiiviin Gaanfa Afrikaa gamaaggame

Finfinnee, Guraandhala 6, 2016 (FBC)- Raawwii pirojektoota naannawaa Inisheetiivii Gaanfa Afrikaa gamaaggamameera.
 
Itiyoophiyaan fayyadamtuu olaantuu inisheetiivichaa fi giddugala nageenyaa fi diingadee naannawaa ta’uu Dura Ta’aan Inihseetiivichaa fi Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen hubachiisaniiru.
 
Waltajjichis deeggarsa maallaqaa Inisheetiivii Gaanfa Afrikaan, Itiyoophiyaatti, dameewwan qonnaa, fayyaa, daandii, humna elektirikii fi bishaan dhiyeessuu, daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannawaa, geejjibaa fi loojistiksii akkasumaa kominikeeshinii dijitaalaan raawwiin pirojektoota naannawaa 14 dhiyaachuun gamaaggamameera.
 
Pirojektoota kanneen daran bu’aa qabeessa taasisuuf kallattiin raawwiis akeekamuu ragaan Ministeeraa Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
 
Inisheetiiviin Gaanfaa Afrikaa hammattoo walta’iinsaa naannawaa ta’uun waggoota afuriin dura hundeeffamuun ni yaadatama.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.