Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan tasgabbii fi walitti hidhamiinsa diinagdeef kutannoon hojjetti-Amb. Taayyee

Finfinnee, Guraandhala 6, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan tasgabbii fi walitti hidhamiinsa diinagdeef kutannoon kan hojjettu ta’uu Ministirri Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaaseen dubbatan.
 
Walga’ii Idilee 44ffaa Mana Maree Raawwachiistotaa Gamtaa Afrikaa har’aa eegalerratti Ambaasaddar Taayyeen akka jedhanitti, Itiyoophiyaan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu fi sagantaa nyaataa barattootaa biyyaalessaan barattoota miiliyoona 6 oliif mootummaan nyaata dhiyeessaa jiraachuu hubachiisaniiru.
 
Waggoottan shanan darban mootummaan manneen barnootaa bultii addaa fi manneen barnootaa fageenyaa dabaluuf barnoonni hirmaachisaa fi qulqullinaa qabu akka dabaluu taasifamuu dubbataniiru.
 
Haaluma kanaan biyyoonni barsiisaa Afriikummaa jaarraa 21ffaa gituu mataa duree jedhuun akka mari’atanii fi biyyoonni miseensaa gamticha Komishinii Gamtaa Afrikaa waliin walta’iinsaan sirna barnootaa saffisaa fi hinraafamne babal’isuuf akka hojjetan gaafataniiru.
 
Guddina diinagdee ardichaafis Afrikaan biyyoota garee 20 fi BRICS waliin walta’iinsan kan hojjettu ta’uu himaniiru.
 
Afrikaan walta’iinsaa biyyoota garee 20 waliin walta’iinsi qabaattuu diinagdee Ardittii guddisuuf gumaacha akka qabuu fi akkasumaa biyyootaa BRICS fi walta’’iinsa Kibba-Kibbaa cimsuuf kan tumsu ta’uu hubachiisan.
 
Ajandan 2023 mul’ata waliin guddinaa Afrikaanotaa ta’uu kan kaasaan Ambaasaaddar Taayyeen, mul’aticha milkeessuuf walta’iinsa cimaa fi kutannoon siyaasaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.