Fana: At a Speed of Life!

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Xaaliyaanii waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 6, 2016 (FBC)- Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu juulaan Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Xaaliyaanii Adimiiraala Juuseeppee Chaavoo waliin mari’ataniiru.
 
Jilli Adimiiraal Juuseeppee Chaavoon durfamu Qajeelcha Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Biyyaatti simannaan taasifameeraafi.
 
Haaluma kanaan qondaaltonni lameen walta’iinsa loltummaa biyyoota lameeniirratti waliin hojjechuuf dhimmoota dandeessanirratti mari’ataniiru.
 
Gama biraatiin, hariiroo gaarii biyyoonni lameen qaban cimsuu fi haala waloon hojjechuun danda’amurratti mari’achuu TOI gabaaseera.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.